
Hpelsocio Podcast
By Hasen Mh Hassen
ይህ የጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅህፈት ቤት የFM ድምፅ ነው። ስርጭታችንን ለማዳመጥ የፅፈት ቤቱን ኦፊሴላዊ ድህረገፅ www.mhaagj.org በመጠቀም አልያም በጎግል Jimmaa Attorney Fm ብለው በመፈለግ ያገኙናል። ስርጭታችንን በማድመጦ እየተዝናኑ የህግ አውቀቶትን ያዳብራሉ።
Jimma Attorney FM is a podcasting service.

Hpelsocio PodcastMay 20, 2023

Tofik
under hpel

Olmaa dhadachaa
-----⚖️====
godina jimmaa bulchinsa magaalaa jimmaa ganda mantinnaa iddoo addaa bufata xiyyaaraa abbaa jifaarittii mooraan isaa eggumsaaf jecha meshaa gatii qaalii taen nageenya xiyyaara qubatuufii balali'uf jecha akkasumas nagenya waa maraa dhabbatich kessattii argamuuf kan taasifamuuf turee. Haa ta'u malee himatamaan maqaan isaa Sabsiboo Tijjaanii AbbaaGiddii jedhamuu
Gaafa guyyaa bitotessa 29 bara 2015 halkan keessaa sa'atii 10:00 yommuu ta'u sibila dallaa angil ayiranii jedhamuu bay'innii isaa lama ta'e tilmaama qarshii kuma kudhan baasuu qabenyummaan isaa kan bufata xiyyaaraa abbaa jifaar ta'e iddoo dhaabbatee buqqifatee deemee. Namnii kuni sibila kana haatee fudhachuun sharaadhaan erga maree booda gurguruudhaaf yommuu deemuu qaamoolee nageenyaatiin harkaaf harkattii qabamee erga irrattii qulqullaa'een booda himata waajjira abbaa alangaa godina jimmaatin mana murtii ol'aanaa godina jimmaattii gaafa ebla 15 2015 himatamaa kana irrattii dhihaateen himatamaan seera yakkaa bara 1996 bahee kewwata 669 (3)b irra darbuun badhaadhina hin mallee arggachuuf jecha yakka haannaa cimaa rawwateen himatamee. Haaluma kanaan himatamaan mana murtii ol'aana godina jimmaa dhihaatee enyummaan isaa erga qulqullaa'ee booda yakka ittii himatamee afaan isaaf galuun dubbifameefii mormii sadarkaa duraa kan hin qabnee ta'u erga ibsee booda himannaa dhihaatee irrattii jecha amantaaf waakkii keenneen ani meeshaa jedhamee lafarraa argadhe jedhee waakkatuus ragaa sanadaa fi ragaan namaa abbaa alangaatiin dhihaatee himatamaan yakkicha raawwachuu isaa waan irrattii mirkaneessaniif himatamaan ragaa ittisaa yoo qabaatee akka dhiheeffatuu dhaddacha yakkaa mana murtii ol'aanaa godina jimmaatin ajajamuus himatamaan ragaa ittiisaa kan hinqabnee ta'u waan ibseef mannii murtiichaa dhaddacha caamsaa 7 2015 oleen murtii balleessuummaa fi adabbii yakkamaa fi fakkaattoota isaa barsiisuu hidhaa cimaa woggaa afuriifi ji'a shaniin adabeera.
Irraa haa barannuu.
Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa

Sagantaa FM Podcast WAAGJ sadaasa/10/2015 sagantaa odeessaafi hubannoo seeraa sirbota alibirra

Sagantaa Yaadanno Artisti kabajamaa kenya Dr Ali Birraa

Sirboota Afaan Oromo Tajaajila Podcaasti FM WAAGJ

Tamsaasa FM Podcast WAAGJ kan Fulbana 7/2015. Jimmaa Attorney FM Podcast. የጅማ ዞን አቃቤህግ መ/ቤት FM

Sagantaa fm waagj 21/07/2014
visit Sagalee FM Waajjira AA Godina Jimmaa. Jiimma Zone Attorney FM Podcasting Site waagjfm.mhaagj.org/
dhaggeffattoota Kenya wa’e fm waagj hangana yoo isin jeennee gara ijoo sagantaa Kenya har’a isinif ibsuuttii sienna. haaluma kanaan sagantaa Kenya isa har’atin qophi hubannoo seeraa walta’insa Abbaa alangaa waligala federaalaafii faanaa prodcasting corporate deggarsa maallaaqaa USAID itiyophiyaattii justice activitytin dhihaatuu kessaa sagantaa ijoo kenninsa tajaajila abukaatummaa irrattiifii labsi seera bulchinsa federaalaa dhihenyattii bahee ilaalchisee sagantaa qophaa’ee isinin geenya jecha sirba haaraa andualam goosaa Gumgumee jedhuu kana isin affeerree kallattiidhaan qophaa’ee isinin genya nu wajjin turaa jechaa

Sagantaa hubannoo seeraa fm sagalee abbaa alangaa godina jimmaa jan 10 2022

Sagantaa Xinxala Murtii dhadacha Ijibbaata Federaalaa galmee Lakk 16816 ta'en kennamee Seera Yakkaa MFDRI Kewwata 555 (c) fi 556 walbira qabuun qophii qophaa'ee kutaa 1ffaa. 4/27/2014
· Maalummaan miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa itti yaadamee raawwatamuu seera yakkaa keenya jalatti haala kamiin ibsama.?
· Dhimma Namni yakki miidhaa qaamaa irratti raawwatamee lafeen isaa cabee fi cabuun isaas mana yaalaan mirkanaa’e ragaan mana yaalaa dhiyaate, kan kufuu qabu S/Y RDFI kwt 555(c) jalatti moo 556(1) jalatti ?miidhaa qaamaa cimaaa 555(c) jalatti himata banuuf yakkichi meeshaan raawwatamuu fi haala biraan raawwatamuun ulaagaa dha ? kan jedhu dha.
· Garaagarummaan kwt seera yakkaa 555 fi 556(1),556(2)a,b fi c maali ? Dhimmota jedham irrattii hubannoo isinif kennina. tamsaasa fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa dhaggeffachuuf 1. websaayiitii waajjira abbaa alangaa godina jiimmaa 2. Apple podcast f 3. Itune 4. BBC podcast 5. Google podcast fayyadamuun 6. Marsaririlee podcast ittii tamsaafaman kan biroo fayyadamuun tamsaas kenya dhaggeffachuuf (jimmaa attorney fm jechuun google yoo gootan ykn fm mhaagj jechuun seatch yoo gootan tamsaasa kenya marsariitiilee 15 ol jiran jalatti ni argattuu.) Walin taanee hojimaataa waajjira kenyaa qaroomsuun dhaqqabamummaa kenya haa mirkanessiinuu jechaa hundii kessanuu ergaa kana fula facebook telegraamaa fi kkf irrattii sher gochuun tamsaasnii kenya nama hedduu biraan akka geettan isinif dhaamna Hasen Mh Hassen Abbas Alangaa Godina Jimmaa. Jimmaa Oromia

Sagantaa Hubannoo seeraa Dhimma Falmii cheekii waliin walqabateee kutaa 1ffaa
Qophii Har’aatin Hubannoo seeraa isin argattan maalii?
qophii kana dhageffattanii gaafa xumurtan
Ü Himannaa sirna gabaabaadhaan dhiyaatu irratti ragaa ittisaa dhiyeessun kan danda’amu bu’ura keewwata 286 tin mana murtiitin yoo eeyyamamee ta’u isaa ni hubattan hubattan.
Ü Ragaa ittisaa dhiyeeffachuuf adeemsi jiru maal akka ta’e ni bartanii?
Ü Ragaa ittisaa dhiyeeffachuuf ulaagaawwan barbaachisan maal fa’a ?
Ü Himatamaan waraqaan waamichaa yeroo qaqqabu kallattiidhumaan raga ittisaa dhiyeeffata moo? miti? gaafii jeedhuuf hubannoo gadii fagaataa ta’e waan argattannif qophii kana hangaa xumuraattii dhaggefadhaa jechaa qophii kana jidduu jiddudhaan sirbbota boharti isinif uman akkanattii qindessinee isiniin genya. Nu Wajjin Tuuraa.
tamsaasa fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa dhaggeffachuuf
1. websaayiitii waajjira abbaa alangaa godina jiimmaa
2. Apple podcast f
3. Itune
4. BBC podcast
5. Google podcast fayyadamuun
6. Marsaririlee podcast ittii tamsaafaman kan biroo fayyadamuun tamsaas kenya dhaggeffachuuf (jimmaa attorney fm jechuun google yoo gootan ykn fm mhaagj jechuun seatch yoo gootan tamsaasa kenya marsariitiilee 15 ol jiran jalatti ni argattuu.)
Walin taanee hojimaataa waajjira kenyaa qaroomsuun dhaqqabamummaa kenya haa mirkanessiinuu jechaa hundii kessanuu ergaa kana fula facebook telegraamaa fi kkf irrattii sher gochuun tamsaasnii kenya nama hedduu biraan akka geettan isinif dhaamna
Hasen Mh Hassen
Abbas Alangaa Godina Jimmaa.
Jimmaa Oromia

አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ይዟቸው የመጣው ዋና ዋና ነጥቦች የነሐሴ 12/2013 ስርጭት።
ይህ አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ከነባሩ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ ቁጥር 25/88 እና ይህን አዋጅ ካሻሻሉት ሌሎች አዋጆች ቁጥራቸው 138/1991፣ 254/1993፣ 321/1995 እና 454/1997 ከሆኑት አዋጆች ምን የተለየ አዲስ ነገር ይዞ መጥቷል? እንዲሁም ለአዳዲሶቹ ሕጎች መነሻ ዋና ዋና ምክንያቶቹስ ምን ምን ናቸዉ የሚለዉን በወፍ በረር እንመልከት።

Galmi kenya our objectives፣ እንደ ጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅፈት ቤት ግባችን

tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa
Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu)
Seensa
Uumama waan hundaa ta’eet jalqaba irraa ka’ee hanga sadarkaa dhummaa qaqqabbutti sadarkaawwan adda addaa keessa darbuun isaa dirqama ta’a.Sadarkaawwan adda addaa keessa yommuu darbu immoo waantoota baay’ee fooyyeessaa itti dabalaa irraa hir’isaa bakka galma isaa gaha jechuudha.
Akkuma dhimmoota biroo adeemsi armaan oliitti taa’e seeraafis kan tajaajilu ta’a.Sababa kanaatin seerotni adda addaa yeroo adda addaa dhimmoota garaagaraa irratti yommuu fooyya’anii bahan arguun qofti raga gahaadha.Waa’een seeraa yommuu ka’u yeroo hunda kan wajjin ka’u waa’ee mirgaati.Kana jechuun hanguma guddini seeraa dabalaa deemu kabajamuun mirga namaas wajjin guddachaa deema.
Akka idila addunyaatti guddina seeraatif ta’ee mirga namoomaatif sanadootni gumaacha guddaa gumaachan baay’ee ta’anus akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1215 biyya Ingiliiziitti kan bahe Maagnaa Kaartaa,Bara 1789 Sanada Mirgootaa Ameerikaa,Diklaareshinii Mirga namoomaa Faransaay bara 1789 akkasumas Konveenshiniin Jeneevaa bara 1864 bahan warra adda durummaadhaan caqasamaniidha.Sanadootni kun egaa guddina seeraatiifis ta’ee mirga namoomaatif dhagaa bu’uraati jechuun ni danda’ama.
Mirgi namoomaa mirga heeraan eegumsi taasifameefidha.Mirgi kun immoo daangaa seeraa taa’een alatti sarbamuus ta’ee mulqamuu hin danda’u.Haa ta’u malee darbee darbee mirgootni kun yeroo seeraan ala sarbaman ni mul’ata.Kunis seeraan ala qabamuun,Seeraan ala hidhamuun akkasumas seeraan ala bakkaa bakkatti socho’uu dhoorkamuudhan.Yeroo kanatti egaa furmaata seerri kaa’e keessaa tokko qaama bilisa baasuu(Habeas Corpus) dha.Kanaaf barreeffama kana keessatti yaadrimee isaa,seenaa dhufaati fi muuxannoowwan biyyoota biro kan ilaalaman ta’a.

tamsaasa fm MHAAGJ caamsaa 23/2013 wa'ee tamboo ilaalchisee seerrii maal jedha
wa'ee tamboo ilaalchisee seerrii mal jeedhaa.
sagantaa abbaa alangaa aanaa cooraa bootoor obboo mulugeetadhaan qophaa'ee.
www.mhaagj.org
seensa
Tamboo xuuxuun nama xuuxu irrattis haa ta’uu bakka namoonnii baay’een argamanitti xuuxuun rakkoo fayyaa kan qaqqabsiisu ta’uu odeffannoon madda adda addaa irraa argamuu ni mul’isa(muldhisa).Kana qofaa osoo hin taanee waraqaawwan tamboon itti samsamamu irratti barreeffamni tamboon du’aaf nama saaxilaa, tamboon dhibeewwan kaansariinama qabsiisa jedhu barreeffames kan argamuu yommuu ta’ukun miidhaa tamboon qaqqabsiisuu kan akeekuudha.
Qorannoo Dhaabbani Fayyaa Addunyaa (WHO) yeroo adda addaa taasisuu irratti akka mul’isutti(muldhisutti) namonni miiliyoona 8 tti tilmaamaman sababa tambootiin akka guutuu addunyaatti kan du’an yommuu ta’u kana keessaa namootni miliyoonni 1.2 ta’an namoota hin xuuxnedha.Akkasumas gama diinagdeetin immoo Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 500 tilmaamamu miidhaa qaqqabsiisaa jira.Bu’uura qorannoo kanaatiin rakkinootni kun kan uumaman biyyoota guddatanitti ta’us yeroo ammaa garuu sababa adda addatiin biyyoota hin guddanneettis rakkoon kun kan babaldhachaa(babal’achaa) jirudha.Rakkinni kun babal’achuu irraan kan ka’e hawaasni addunyaa tamboo to’achuu irratti ejjannoo walfakkaata akka qabatan tasisee jira.
Yeroo Jalqabatif A.L.Awuropaa bara 2003 Dhabbanii Fayyaa Addunyaa(WHO) tooftaawwan tamboo to’achuuf dandeessisuufi biyyoota miseensa ta’an dirqama irra kaa’u <> yookiin sanada waligalee tamboo to’achuuf bahee mirkaneesse.Haa ta’u malee waliigaltee kana hojiirra oolchuf mariin kan jalqabame bara 1995 ture.Seenaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kaassatti konvenshiniin kun konveenshinii yeroo gabaaba keessatti hojii irra ooledha.
Biyyi keenyaa Itioophiyaan Guraandhala 25 bara 2004 waligalticha mallatteessiterti .kana buu’uura godhachuudhaan labsiin lakk. 661/2001 kan bahee ta’uus booda irra garuu labsiin Lakk. 1112/2011 bahuu danda’eera. kana qofa osoo hin taanee labsii 661 irratti hundaa’uun Manni marii ministeerotaa dambii lakk. 229/2007 baasuudhaan hojii irra ooluu danda’eeraa.

Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 2013 hubannoo seeraa seera godaansaa irrattii

Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 17/2013

Tamsaasa birootessaa 29 2013 fm mhaagj toraa inteerneetii

Tamsaasa Bitootessa 17/2013 fm_mhaagj tora interneetii

Oromo music

Fm.mana hojii AA God Jimmaattii Hubannoo Seeraa boqonnaa jalqabaa.

Hubannoo seeraa interneetiidhaan Kayyoofi galmii kenya

Seerrii mal jeedha

Kuni FM waajjira Abbaa Alnagaa Godina Jimmatii

Sagalee tamsaasa yaalii
